Akkam jirtu warri page Hakim? Ani ogeessa fayya kellaa fayya mootummaa kessa hojjatu tokkon galateefachuf dhufee. Essa akkan jalqabufi maal jedhee akkan jalqabu hin beeku.  Iddichi as magaalaa shaggar kutaa magaalaa furii kella fayya walattee keessa kan hojjatan Senior Nurse Takaaliny kan jedhaman galateefachun barbada.

Sababni isaas ji’a 8 dura gar malee dhukkubsadheen hospitaala dhunfaa akka biyyaatti beekama ta’ee tokkotti yaalame dawaa dhukkubichaf ni ta’a jedhame fudhachu jalqabe.  Haa ta’u malee dhukkubichi na dhisuu hin dandeenye.  Ammas si’a 2ffaaf hospitaalaa dhufaa bira deeme yemmun qoraatamu akkan dhukkuba TB positive ta’ee natti himame medication akkan jalqabuf gara kellaa fayyaa armaan olitti ereetti naf barrefame. Haaluma kanan ogeessa fayyaa kabajamaa, amalaa qabessa, hojii isaa kabaju fi ogummaa isaaf amanamaa ta’ee kanan wal qunnamne haala jiru hunda hubaachise.

Dhugaa dubbaachuf akkatti isaan na simaatan yomille hin dagaadhu otoon dawaa fudhaachu hin jalqabiin dhukkubichi akka waan na dhisee natti fakkate, na jajjabeesani qorichicha akkan jalqabuf naf kennani lakk. bilbila koo narra fudhataani gargar banee barii guyyicha ganama sa’ati 1 naf bilbilani “akkam bulte samiyee ? Baqqa amma ka’itii qorichicha liqimsii, bishaan sirritti dhugii” nan jedhan. Anis ka’een jalqabe. Achuman itti fufee guyyaatti hagaan qoricha fudhaadhe xummurutti bilbilani na gafaatu, na gorsu, waqayyoo jiraa jedhani na jajjabeessu, yeroon itti side effect qorichaa gar malee na rakkise halkaan sa’atii 5 fi isaa boode itti bilbile marisisellen qaba.

Dhugaa waqayyooti guyyaa tokko na ifaatani hin beekan. Kunoo galanni waqayyoof fi isaanif yaa ta’uuti har’a fayyumma guutuun hojii kootti deeb’een jireenya koo gaggefacha jira. Kanaaf maqaa koofi maqaa ogeessoota fayyaa kanfalti gaha malee garaa isaani duwwaa Milaan qorra fi aduu kessa deemani ogumma isaanif amanamoo ta’ani nu tajaajilanin akka naf galateefattan  barbada.

Samson Birbo Waktola

@HakimEthio

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *